10/01/2024
.
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
“Nagaa isin biratti nan hambisa, nagaa koo isiniif nan kenna; ani akka biyyi lafaa kennuttan isiniif kenna miti, garaan keessan hin raafamin, hin sodaatinis!” Yoh 14:27
↪️Boqonnaan nagaa keessa jira. Nagaa guutuu kan kennummoo Yesuus kiristoos gooftaa keenya qofa. Namni gaafuma kiristoositti amanu nagaa fudhata.
↪️Akkuma Yesuus dubbate biyyi lafaa nagaa kennitu qabdi. Nagaan biyya lafaa irraa dhufu garuu nagaa yeroo murtaa'eef turee baduudha. Yesuus garuu nagaa isa kanarraa adda ta'e, nagaa hin banne kenne. Karaasaa immoo boqonnaan nuuf kennameera.
↪️Bartoonni sodaatanii balbala cufatanii utuu gaddanii Yesuus isaan gidduutti argamee ''nagaan isiniif haa ta'u'' isaaniin jedhe. “Guyyaa jalqaba torbaniitti [gaafa Sanbata guddaa] sana galgala, bartoonni Yihudoota waan sodaataniif, mana cufatanii taa'an; yommus Yesus dhufee isaan gidduu dhaabatee, "Nagaan isiniif haa ta'u!" isaaniin jedhe.” Yoh 20:19
↪️Yesuus warra ba'aan itti ulfaateef boqonnaa kenna.
Mat 11:28-30
²⁸ Yesus itti fufee, "Isin warri itti dhamaatanii dadhabdan, ba'aanis kan isinitti ulfaatu hundinuu gara koo kottaa; ani boqonnaa isiniifan kenna. ²⁹ Waanjoo koo fuudhaatii baadhaa, ana irraas baraa; anoo garraamii dha kanan gad of deebises; boqonnaas lubbuu keessaniif in argattu. ³⁰ Waanjoon koo nama hin dhibu, ba'aan namni anaaf jedhee baatus salphaa dha" jedhe.
↪️Kadhannaa Museetiif deebii waaqayyo kenneef boqonnaadha. “Waaqayyo immoo deebiseefii, "Ani ofii kootii sii wajjin nan adeema, boqonnaas siif nan kenna" jedhe.” Bau 33:14
↪️Boqonnaan Yesuus kennu isa nu eeguudha.
Filp 4:6-7
⁶ Waan hundumaatti, kadhataa fi himataan galataa wajjin wanti is in barbaachisu Waaqayyo duratti akka beekamu godhaa malee, waanuma tokkotti yaaddoo hin qabaatinaa! ⁷ Nagaan Waaqayyoo inni hubannaa namaa hundumaa irra caalus, karaa Kristos Yesus garaa keessanii fi yaada keessan in eega.
Tv Ifa fayyinaa jir