01/11/2018
=============================
Ammas sagalee keenya dhageessiffachuurra duubatti hin deebinu jechaa nuti barsiisonni sadarkaa gadii amma oliitti jirru kanaan dura sagaleen keenya akka nuuf dhaga'amuuf dubbii gurguddaa dhiyeeffachaa turreerra. Haa ta'u malee haala nageenyaa maandisa keenya doctor Abiy Ahmed irratti miidhaa qaba jennee utuu miidhamnee jirruu ugguramnee teenyeerra. Nuti Doctera keenya ni jaallanna........bulchiinsa isaa irraatti dhoobbaa gochuuf osoo hin taane.......miidhaa nutu keessa jirru ilaalamee akka furmaanni itti nuuf kennamu jenna....Ol iyyanni keenyas
1. Miindaan barsiisotaaf kaffalamaa jiru haala hojii isaanii waliin kan wal hin madaallee ta'uu isaa
2. Waggaa keessatti leenjiin sectara biraa kana sectara barnootaa waliin wal hin qabanneef kennamaa sectara barnootaaf kan kennamaa hin jirre ta'uu isaa.......darbees yoo leenjiin jiraate illee ulaagaan leenjiif guutamu barsiisotaaf kennamaa akka hin jirre ta'uu isaa
3. Jijjiirraan barsiisotaa dafee raawwachuu dhabuu isaa
4. Lafti mana jireenyaa haala wal qixa ta'een barsiisotaaf raawwachuu dhabuu isaa fi kkf akka nuuf sirreeffamu kabajaaf jaalala giddaan isin gaafanna........
Yaada kana irratti deggersa kan qabdan hundi SHARE, LIKE, COMMENT gochuun yaada keessan dhiyeeffadha ....sagalee barsiisota oromiyaa irraa