16/08/2023
Innjifannoo waloo dhugoomsuudhaaf obbolummaa dagaagsuun daran murteessaadha.
********
Obbolummaan bu’uura tokkummaa fi waliin jireenyaa, ibsituu ammayyummaati. Biyya kabajamtuu lammiileen ishee jaalalaa fi kabajaan keessa jiraatan mirkaneessuudhaaf duudhaa obbolummaa babal’isuun barbaachisaadha.
Obbolummaan rakkoolee nu muudatan maraaf furmaata kan nuuf kennu, daandii qormaata nu ceesisee badhaadhinatti nu qajeelchuudha.
Biyyi keenya biyya aadaa, seenaa fi duudhaa waliin jireenyaa cimaa ta’een dabaalamtee tokkummaa lammiilee isheetiinis tikfamtee fi kabajamtee dhaloota tarkaanfattedha. Duudhaalee jajjaboo calaqqee waliin jireenya uummata biyyattii ta’an keessaa ammo obbolummaan hangafadha.
Imalli jijjiiramaa biyyi keenya eegalte dhuudhaalee ganamaa kanneen cimsuu fi kunuunsuudhaan badhaadhina waloo dhugoomsuu irratti kan xiyyeeffatedha. Paartiin Badhaadhinaa waa’ee wal qixxummaatis ta’ee bilisummaa gadi fageenyaan hubachuun kan danda’amu obbolummaan cimaan yoo jiraatedha jedhee waan amanuuf duudhaan kun akka dagaaguuf ciminaan hojjachaa jira.
Badhaadhinni waloo kan galma gahu lammiin hunduu ilaalachaa fi gocha duudhaa obbolummaa keenyaa quucarsan lagachuudhaan tokkummaan waliin dhaabbachuu yoo danda’edha. Kanaafuu gufuuwwan obbolummaa fi waliin jirreenya keenyaa kanneen ta’an irratti qabsaahuudhaan tokkummaa keenya haa jabeessinu, badhaadhina walootis haa dhugoomsinu.