Eda Eddaan male

Eda Eddaan male Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Eda Eddaan male, College & University, Reji.

25/05/2022

FiB: (May 25. 2022) Finfinnee

Koloneel Gammachuu Ayyaanaa hidhaa irraa hiikaman

Qondaalli ABO Olaanaa koloneel Gammachuu Ayyaanaa turtii hidhaa gara waggaa lamaatti dhiyaatu booda har'a hidhaarraa hiikamuun gara mana isaaniitti galanii maatii isaaniitti makamuun isaanii himameera.

Qondaalli ABO Olaanaa koloneel Gammachuu Ayyaanaa hidhaa irraa akka hiikaman Manni murtii ijibbaataa Federaalaa Murteessuun isaa kan yaadatamuudha.

Odeeffannoo Wayitaawoo kanbiroo argachuuf:-
Telegram https://t.me/FiBTVOromoo
youtube https://www.youtube.com/channel/UCRJjx1BbNU28Y1Dappe3ilA/videos
Twitter https://twitter.com/FibTelevision 'Follow', 'Subscribe' Gochuun Nu hordofaa.

19/05/2022

Poolisii fi abbaan alangaa federaalaa har'a waa'ee Kol. Gammachuu Ayyaanaa maal jedhan?

Qondaalli ABO ol aanaan Koloneel Gammachuu Ayyaanaa har'a Mana Murtii Ijibbaataa Federaalaa Dhaddacha 3ffaatti dhiyaatanii poolisiin federaalaa deebii kenne.
Abukaatoon isaanii Obbo Tuulii Baayisaa BBCtti akka himanitti, Abbaan Alangaa Federaalaa fi Poolisiin Federaalaa dhiyaachuun dhimmicharratti deebii laataniiru.

Poolisiin federaalaa abbaan alangaa federaalaa waan ol iyyannoo irratti gaafateef karaa Poolisii Oromiyaa barbaachisee Kol Gammachuu qabuu ibse.
Kolonel Gammachuun gama isaanitiin 'gaafan qabame wantin bakka biraatii barbaadame hin turre, poolisii federaalaa fi Poolisii Oromiyaa akkasumas tikni walumaan tahanii na qaban' jechuun dhadacha irratti dubbachuu isaanii Lammiin BBCtti himeera.

Abbaan alangaa federaalaa ammoo kolonel Gammachuu Ayyaanaa seeraan ala hidhamanii waan jiraniif akka gadhiifaman gaafachaa turre jechuun mana murtiitti himan jedhan Obbo Tuuliin.
Dabalataan, qondaala ABO Koloneel Gammachuu Ayyaanaa irratti himata banu akka hin qabne xalayaadhaan Poolisa federaalaaf ibsuu dhaddacha kana irratti hubachiiseera jedhan.

Haa tahu malee, Poolisiin Federaalaa qaamni qabee nutti kenne Poolisiin Oromiyaa akka nurraa fuudhuuf xalayaan gaafannee qaamaanis itti geessinus nu harkaa fuudhuu didan jechuun dhaddacha har'aa irratti ibsu isaanii ammoo qondaalli ABO Lammii Gammachuu BBCtti hime.

Manni murtichaa Poolisin Oromiyaa dhiyaatee akka deebii isaa kennuuf Caamsaa 23, 2022tti beellamuu Obbo Tuuliin BBCtti himaniiru. Dabalataan, KMNI qondaalonni ABO seeraan ala hidhamnii jiran akka gadhiifamuu qaban gaafateera.
👉👉 https://bbc.in/3wWEBxp
Suuraa; OBS

13/02/2022

Eda Eddaan malee barrii karorsuun hin ulfaata!!!!
Gindoo gubbarraan
Biiftuun cilixii haa jettuu
Been si fudheen sooka
Jirruun hilimii haa jetuu # # # # #

Address

Reji

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Eda Eddaan male posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share