13/10/2025
Innaa lillaahi wa'innaa ileyhi raaji'uun 🥹
**
Abbaan obboleessa keenna Kaalid Bashiir Hasan obbo Bashiir Hasan gara daara aakiraa godaanan.
Jidduu qabxiin deebiin kennamuuf jiru karaa irratti konkolaataan itti bu'ee qaamni baayyeen miidhamee garguddaa matatu miidhame guyyaa 3 dura finfinnee deebisanii October 13 amrii tahan.
Guyyaa hara'aa October 13 ganama keessaa saa'atii 2 booda amrii tahanii janaaza magaalaa goobbaatti awwaalan.
Kaleessi Gammachuu hara'i gadda akkanuma gandi duniyaa.
Gammachuu ifaajee ofii arganii osoo hin geeffatin duniyaa irraa dabran hedduu nama gaddisiisa garuu dalagaan Rabbii nama dinqisiisa.
Rabbiin qabrii isaanii caffee jannataa irraa haa godhuuf.
Kaalidiif maatii isaanii guutuu obsa haa kennuuf.