15/05/2022
✅ Waliigaltee Waliigalaa:
👉"Waliigalteen" walta'iinsa fedhiin namoota lamaa fi sanaa olii irraa kan madduu fi qabiyyeen waliigaltees qabeenya yookiin faayidaa diinagdeetiin kan wal qabateedha,seera hariiroo hawaasaa keewwata 1675(1).
👉'Waliigalteen' dirqama ni uuma,ni jijjiira,ykn ni hambisa.
↪ (Faayidaa) Seera Waliigaltee:-
,walitti dhufeenya waliigaltootaa gurmeessuu yookiin qindeessuuf faayidaa guddaa qaba;faayidaa walii isaaniitiif waliigaltootaaf dirqama qooduudhaan walitti dhufeenya isaanii ni gurmeessa,shh keewwattoota 1748-1751,1754(1),1755(2),1756(2),1857-1868 fi kan kana fakkaatan.
,raawwii dhimma waliigaltee amansiisaa gochuuf faayidaa qaba;
⚖Bu'uura Shh keewwata 1731(1) tiin qajeeltoo "Pacta sunt servanda" hundeessuun waliigaltoonni jecha walta'iinsaa fedhiin seenan akka kabajan dirqama irra kaa'a.
⚖Gareen tokko miidhaa isa kaan irraan yoo gahe akka kiisu shh keewwata 1790 fi 1791 tumuudhaan sodaa gama rakkoo waadaa galame diiguun dhufu hanbisa fi kan kana fakkaatan.
,hanqina waliigaltee guutuu;waliigalteen yeroon booda raawwiif dhibuu yookiin qabeenyi waliigalteen bitame yommuu fayyadamuu eeegalanu hanqina qabaachuu danda'a.Dhimma akkanaa dursanii beekuun ni dhiba.
⚖Yeroo waan waliigalteen raawwatame walqabatee rakkoon jiraate seerichi abbootiin seeraa waliigalteen yommuu hundeeffamu yaadnii fi fedhiin waliigaltootaa maal akka ture beekuuf tattaaffii godhuu akka qaban tumeera.
⚖Abbaan seeraa yommuu kana waliigalticha ni hiiku;hiikkaa keessatti qabxiilee kanneen akka:-
.walitti dhufeenyi waliigaltootaa maal akka ture,
.haqummaa fi guddina diinagdee,
.hojii waliigaltootaa,
.waliigaltee duraa fi boodaa,
.amala dhimma waliigaltee,
.barmaatilee dhimmoonni walfakkaataan haala kamiin ilaalamaa akka turan yaada keessa galchuu qaban.
,kasaaraa dabarsuu;meeshaaleen adda addaa turmaata keessa gatiin isaanii dabaluu ni danda'a.Kanaaf,namoonni garaagarummaa gatii fuulduraa uumuun akka hin miidhamne wal ta'uudhaan gamanumaan too'achuu ni danda'u waan ta'eef faayidaa qaba.
⚖Garaagarummaa gatii ol ka'aa fi gadi bu'aa uumameen inni tokko qofti silaa Kan miidhamu,walta'iinsaan garuu kasaaraa tokko tokkorratti dabarsuun too'achuun ni danda'ama jechuudha.
,haqummaa hawaasaa mirkaneessuu;
⚖Seerri waliigaltee walitti dhufeenya diinagdee qofa waliin kan wal qabatee miti.Bilisummaa walta'iinsa waliigaltee keessatti ibsamee itti gaafatamummaa waliin walsimsiisuun yoo ilaallu meeshaa haqa hawaasummaa mirkaneessu akka ta'etti fudhachuun ni danda'ama. ,dirqamaan eeyyama argachuu dhorkuun namoota humna hin qabneef eegumsa laatuun haqa hawaasummaa ni mirkanaa'a.
↪ fi Haqamiinsa Waliigaltee:
1️⃣ Waliigaltee:-
✔Waliigalteen sirna seerri kaa'e hordofuun hundeeffame seeraan ni raawwata(bu'aa ni qaba).Garuu,ulaagaa seerichi gaafatu ykn barbaadu yoo hin guutin diigamaadha ykn akka diigamu godhama.Isaanis
,dandeettii dhabuu(shh 1808(1)).Kun garee waliigaltee sababa kanaan miidhame jedhu qofa akka diigamuuf gaafata.
,hanqina eeyyamaa:-kunniinis dogongora bu'uuraa,waliigaltichi gocha afaanfaajjessaatiin yoo raawwatame,sobaan yoo raawwatame,dirqamuun(shh kwt.1706),fi miidhamuu(1710/2).Bu'uura kanaan diigamiinsa kan gaafatu garee miidhame ykn eeyyama guutuu hin kennine jedhu qofaadha.
,seeraan alaa fi faallaa safuu yoo ta'e,waliigaltootaa fi gareen na galcha jedhu gaaffii diigamiinsaa dhiheessuu ni danda'a.
,waliigalteen sirna seerri ajaju hordofuun kan hin bocamin diigamaadha. ,waliigalteewwan mirgoota qabeenya hin sochooneen wal qabatan,waliigalteewwan mootummaa waliin godhaman,waliigalteewwan wabummaa fi Inshuraansii barreeffamaan yoo hin taasifamne diigamaadha.
✅ Ijibbaataa Federaalaa Jildii 12ffaa L.G.48012 ta'een darbiinsi yeroo waggaa lamaa shh keewwata 1810(2) jalatti tumame raawwatiinsa kan qabu waliigaltee hanqina eeyyamaa ykn dandeettii dhabuutiin raawwatame diigsisuuf dhihaatu qofa irrattiidha jechuun murteessee ture.
↪ Ijibbaataa Federaalaa Jildii 8ffaa La.Ga.34940 ta'een dhimma waliigaltee ilaalchisee darbiinsi yeroo ifa ta'ee seeraan yoo hin tumamne,darbiinsi yeroo raawwatiinsa qabu kan waliigaltee Waliigalaa keessatti tumame waggaa 10 dha jechuun shh keewwata 1845 waliin wal qabsiisuun Murtii laatee ture.
2️⃣ Waliigaltee:-
✅Haqamiinsi waliigaltee shh keewwattoota 1784-1789 jalatti tumameera.Bu'uura kanaan waliigalteen kan haqamu:
,waliigalteen bu'uura seeraatiin hundeeffamee fi ragga'aa ta'e jiraachuu,garuu waliigaltoonni akka waliigaltichaatiin raawwachuu yoo dhabaniidha.
✅Garee raawwachuu ooleef bu'uura shh keewwata 1772 tiin akeekkachiisni kennamuuf qaba,
✅Dhimmoonni akeekkachiisa hin barbaanne shh keewwata 1775 jalatti ibsamaniiru.
▶️Kaayyoon akeekkachiisaa:
👉Mirga kasaaraa miidhaa gaafachuu fi argachuutiif;dirqama harkaan gahuu keessatti balaa miidhaa dabarsuuf,
👉Dirqama kaffaltii maallaqaa yoo ta'e,akeekkachiifni abbaa maallaqaa mirga dhala gaafachuu gonfachiisa,
👉Raawwii dhabni maal akka hordofsiisu abbaa idaa beeksisuu fi kan kana fakkaataniifidha.
↪ haqamuu kan danda'u:-
,garee miidhamaa mataa isaatiin(kewt.1786-1789),
,Mana Murtiitiin(shh kwt.1784).
▶️ 'AA DIIGAMIINSA WALIIGALTEE:-
✔Waliigalteen yoo diigame waliigaltoonni hanga danda'ameen hundeeffama waliigaltichaatiin dura haalaa fi iddoo duraan turanitti deebifamuu qabu,shh keewwata 1815(1).
✔Dirqamni isaanii ni hafa.Dirqamni raawwatan yoo jiraate iddoo duraanitti deebifamu,maallaqni kaffalame,ykn qabeenyi kenname ni deebi'a.
▶️ 'AA HAQAMIINSA WALIIGALTEE:-
✅Waliigalteen yoo haqame waliigaltichi qixa sirrii ta'een osoo raawwatamee mirgaa fi faayidaa garee miidhame jedhu argachuun irra ture kan haguuguudha,shh keewwata 1790(1).
✅Miidhaa garee kana irra gahee fi baasii waliigaltichaaf bahe haguugama.
✅Gareen haqamiinsaaf sababa ta'e balleessaa qabaachuu baatus Beenyaa kanfaluuf ni dirqama,shh keewwata 1791(1).⚖
Dhaba Waliigaltee:-
✔Bu'uura shh keewwata 1771(1) fi (2) tiin waliigalteen yoo hin raawwatin gareen miidhame jedhu akkuma haala isaatti:-
,raawwii dirqama kasaaraa waliin ykn kasaaraa malee yookiin
,haqamiinsa kasaaraa waliin ykn kasaaraa malee gaafachuu ni danda'a.
↪ dirqamaan akka raawwatamu gaafachuu:-
✔Falli kun humna seeraatiin bu'uura waliigalteetiin akka raawwatamu gaafachuu ilaallata.Waĺiigaltichi fedhiin osoo raawwatamee ture gareen kun iddoo inni silaa jiru irra kan geessuudha.
✔Kanaaf,raawwiin dirqamaa kan ajajamu abbaa maallaqaatiif faayidaa addaa kan kennuu fi bilisummaa abbaa idaa kan hin tuqne yoo ta'eedha,shh keewwata 1776.
✔Filannoo kanatti namni fayyadamuu dadhabe fakkeenyaaf qabeenyi waliigalteef bu'uura ta'e kan Magaalaa irraa yookiin gabaa irraa yoo bade,waliigaltichi haqamee iddoo sanaa beenyaan akka kanfalamuuf gaafachuu ni danda'a,shh keewwata 1777,1779-1783.
👉 Ijibbaataa Federaalaa:
1.Jildii 19ffaa L.G.98348,
2.Jildii 24ffaa L.G.161153,
3.Lakk.Galmee 15551,29369,
4.Jildii 18ffaa L.G.102778,
5.Lakk.Galmee 141606,131151,128650,
6.Jildii 21ffaa L.G.114398,
7.Jildii 8ffaa L.G.34940,
8.Jildii 12ffaa L.G.48012 ilaaluun ni danda'ama.
Galatoomaa!
👇