Shueyb Edris

Shueyb Edris Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Shueyb Edris, College & University, Robe.

23/09/2023
21/09/2023

WAAQAYYOON GURRAACHI OROMOO HIN UUMNE

Waaqayyoo jechuun isa nama hin uumin, isa waan inni hin uumin argee rifate. Waaqayyoo jechuun waan hunda kan hin beeyne, waan inni hin uumin dachii inni uume keeysaa ka qabu, ka garagalee mil’atu malee waan isa duubaa hojjatamu hin agarreedha.

Akka doctoorri waaqeeyfataa Gammachuu magarsaa ja’utti.

Nuti muslimoonni Allaah waan hunda uume, waa hunda beekhu, waan inni hin uumin takkalleen duniyaa inni uume keeysa kan hin jirre, ilmaan namaa fii waan ilmaan namaa caalaa gurguddaa tahan hunda ka uume, ka jiraachisu, ka ajjeesu, ka kaasu jechuu amanna. Eega akkana tahe Allaah kophaa gabbaramuu haqa godhata jennee isa qofaaf ibaadaa goona. Isa qofa kadhanna waan hunda inni ka dandahu waan taheef.

Akka amantii Waaqeeyfataa Oromoottu garuu waaqayyoon gurraachi ilma namaallee uumuu hin dandeenye. Ilmi namaa ofiif if uume. Kana ka jedhu anaa miti, alaabaa doofummaa ka tahe doctor gammachuudha.

Eega ilmi namaa ofiif of uume waaqayyootti maaliif haajama? Maaliif waaqeeyfataa tahuun isa barbaachise? Waaqayyoonuu isa hin uumne! Ifiif of uume! Maaliif ofii isaaf waaqa isaa tahee hin jiraanne waaqeeyfataan oromoo?!

Alaabaa doofummaa fannifatee ka deemu, ka muslimoonni qalbiin isaanii dhukkubsattuu gariin hayyuu ja’aniin doctor ja’anii akka waan hedduu beekkumsa qabuu kan faarsan isa kana.

Rabbiin ol tahe akkana ja’a:

﴿وَلَقَد ذَرَأنا لِجَهَنَّمَ كَثيرًا مِنَ الجِنِّ وَالإِنسِ لَهُم قُلوبٌ لا يَفقَهونَ بِها وَلَهُم أَعيُنٌ لا يُبصِرونَ بِها وَلَهُم آذانٌ لا يَسمَعونَ بِها أُولئِكَ كَالأَنعامِ بَل هُم أَضَلُّ أُولئِكَ هُمُ الغافِلونَ﴾ [Al-A‘rāf: 179]

“Dhugumatti ibidda jahannamiif jinnii fii ilmaan namaatirraa hedduu uumnee jirra, isaan beeyladarra hammaatuu isaanirraa kan ka’e qalbii ni qaban garuu haqa ittiin hin hubatan, ija ni qaban garuu haqa itti hin argan, gurra qaban garuu haqa itti hin dhagayan. Ummanni suni akkuma beeyladaati, inumaa isaan beeyladaa caalaa jallattoodha, haqa didoodha. Isaan haqarraa didoo fii gargaloodha”

Silaa namuu akkanuma tahee***************Kaliifa 2ffaa Bara UMAR IBNU KATTAAB (R.A) bulchaa ture san dargaggoonni sadii ...
13/09/2023

Silaa namuu akkanuma tahee
***************
Kaliifa 2ffaa Bara UMAR IBNU KATTAAB (R.A) bulchaa ture san dargaggoonni sadii namicha tokko qabanii hidhanii gara amiira islaama umar fidan.
“Yaa Amiiral Islaama Namichi kun abbaa keenya nu jalaa ajjeesee jiraatii haddii (adabbii) akka itti nuuf murteessitu barbaanna” jechuun gaafatan.

Umar “Abbaa isaanii Maaliif ajjeefte?” jedhee Umar namicha ni gaafate.

NAMICHA “Yaa amiira mumiintoota Ani tiksee gaalaa ti ajjeechaaf yaadee miti,
Gaalli kiyya tokko lafa dallawa isaanii irraan achii laatee muka irraa baala osoo nyaatutti jiruu abbaan isaanii dhagaan darbatee gaala koo na jalaa ajjeese. 🐪🐫

Aniis dhagaa inni darbate gaala kiyya sanaan dhawe san fudheen yommuu darbadhu abbaa isaanii duraa ajjeese.” Jedhe

UMAR(R.A) " yoo ajjeesuu kee amante tahe atiis adabbii du'a sitti murteeffamee jira jedheen.

NAMICHA “Tole murtii kana jaladheera garuu guyyaa sadi qofa naaf kennaa deebi'etiin dhufaa yoo naaf hayyamtu ta'e,
ani abbaan kiyya yommuu du’u anaa fii obboleeyyan kiyya xixiiqqoo waliin sanduuqa (qabeenya dhoksaan kaawwame) amaanaa ijoolleef qoodi jedhee natti kennee ture. Yoo ani asitti du’e immoo qabeenyi sun lafatti bada, ilmaan xixiqqoon yatahamaani waan nyataan dhabanii beelawuu naaf hayyama, biyyii keenyas fagoodha, kanaaf akkaan daddafee guyyaa sadii keessatti dhufuuf naaf hayyamaa.

UMAR R.A " kanaaf hanga ati dheeyxee deebituutti eenyuutu wabii siif taha ree? Jedheen

NAMICHA, namoota walitti qabamanii tatta'aan tokko keessa oliif gad daddeeme nama tokko ilaale namni inni beeku tokkolleen keessa hin jiru, booda “namicha kana” jedhee nama tokkotti akeeke. Namichi asaabticha beekkamaa Abbaa zarriil khiffaari ture

UMAR, R.A “Yaa Abaa Zarri namicha kanaaf wabii ni taataa?” jechuun Umar (R.A) gaaffate.

ABBAA ZARRII R.A Eeyyan yaa Amiiral Mu’umiinaa jechuun deebiseef.

NAMICHA Eegasii ni deeme.

Guyyaan 1ff ni dabre.

Guyyaan 2ff nidabre

Gaafa guyyaa sadaffaa irratti namichi yoo hin dhufnee adabbiin du'a

Address

Robe

Telephone

+251987185852

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Shueyb Edris posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The University

Send a message to Shueyb Edris:

Share