29/05/2023
DUBBII HAYYOOTAA
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
๛ "Hiyyeessa taatee yoo dhalatte balleessaa kee miti, hiyyeessa taatee yoo duute garuu balleessaa keeti."
— (Biilii Giraam)
๛ "Maatii irraa dhalatte filachuu hin dandeessu ijoollee sirraa dhalataniif garuu haala mijeessuu ni dandeessa."
— (Biilii Giraam)
๛ "Namoonni waan tokko hojjechuuf yaalanii kufan, warra homaa utuu hin hojjetin milkaa'an irra ni caalu."
— (Looyid Joonsi)
๛ "Muka ija qabutti dhagaan baay'ata."
— (Shiikeeraa)
๛ "Karaa si baasu hin beektu taanaan deemsa hin eegalin."
— (Ingilizoota)
๛ "Nama hundumaaf gaarummaa yaadi, garuu hiriyyaa filadhu."
— (Giriikota)
๛ "Rabbi gurra lamaa fi afaan tokko nuuf kennuun isaa baay'ee dhaggeeffachuu fi xiqqoo dubbachuu akka qabnu nu hubachiisuu dhaafi."
— (Araboota)
๛ "Beekumsi nyaata lubbuuti."
— (Pilaatoo)
๛ "Amala nama tokkoo yoo baruu feete aangoo yookiin taayitaa kenniif."
— (Abrahaam Liinkan)