03/07/2023
fi
Halkan baay'ee qorru tokko namichi biliyeenarri tokko utuu galuu naannoo manasaatti jaarsa iyyeessa tokko arge. "Qorra kanaan uffata akkasiidhaan taa'uu mitiitii utuuma waan furdaa uffattee jirta ta'eellee akkamitti dandeessee teessa? sitti in qorruu?" Jedhee gaafatee jaarsi iyyeessi sunis deebisee "Uffata qorraa hin qabu, garuu qorrichatti bareera" jedhee debiseef. Namichi biliyeenarri sunis deebisee "qoy mana koo keessaan uffata qorraa siif fida na eegi" jedhee gara manasaatti sokke.
Jaarsi iyyeessi sunis baayyee gammadee, "ishi sin eega" ittiin jedhe. Soressichis mana isaa gahe. Garuu hojii'tti biizii tahee waahee namicha iyyeessa sanaa tasuma dagate. Ganama isaa akka tasaa waa'e namicha sanaa yaadatee nahee dafee namicha iyyeessa sana barbaaduufmana isaa keessaa ba'e. garuu gaafa dhaqu jaarsa iyyeessa sana qorri ajjeeseera.
Jaarsi sun utu in du'in dura xalayaa akkas jedhu barreesseefii ture..."Amma arraatti utuun uffata qorraa in qabaatin sammuun ittiin qorra kana dandamadhu qaban ture. Garuu at yeroo waadaa naaf seentetti abdiidhaan si eeguu irraa kan kahe jabinan ittiin qorra kana dandamadhun dhabe" kan jedhu ture!
:
Waan raawwachuu in dandeenye tokko waadaa namaaf in galin.waadaa kee kabaji.yeroos itti hin kennin. Waanti ati miira keessa galtee akka salphaatti dubbattu tokko nama sanaaf jireenya tahuu dandaha waan taheef. Harri bor miti in darbaa