Dheeressaa lammesa ዴሬሳ ለሜሳ .Page

Dheeressaa lammesa ዴሬሳ ለሜሳ .Page Hojii Afuurawwaa qofa yaa hojanuu

10/05/2026

hin nyaatuu hin dhuguu hin rafuu jedhan erguma boonin duute😉
🤔Kan du'e malee kan jiru maal ta'a jeeteti🥲
Lubbuu keessaan irratti murtee hin
Latina keessatu Shammaran

page mana amantaa keenyaa numti warri ortodoks tawaahidoo taanee waliif follow gochuu comment godhuu hin beeknu isaa biy...
07/05/2026

page mana amantaa keenyaa numti warri ortodoks tawaahidoo taanee waliif follow gochuu comment godhuu hin beeknu isaa biyya lafaa isa sirbaa fi isaa ol arrabsaa oolan isa wal qeeqa oluu sana follow gochuu maale Biraa Hin Darbinuu mee Kan Follow godha

Yeroo Muudamaa

Yoh. 21:15-17
Dubbisa: “laaqana erga nyaatanii booda Iyyasuus Simi’oon Pheexroosiin:- Yaa ilma Yoonaa Simi’oon isaan kana hunduma caalaa na jaalattaayii? Jedheen. Eyyeen Yaa Gooftaa akkan si jaaladhu ati beekta jedheen. Jabbiloota koo naaf bobbaasi jedheen. Irra deebidhaan lammaffaa:-Yaa ilma Yoonaa Simi’oon na jaalattaayii? jedheen. Eyyee Yaa Gooftaa akkan si jaaladhu ati beekta jedheen. Xabboootiwwan koo eegi jedheen. Yeroo sadaffaadhaafis Yaa ilma Yoonaa Simi’oon na jaalattaayii? jedheen. Sadaffaa, na jaalattaayii? Waan jedheniif Pheexroos gaddeetu:- Yaa Gooftaa ati hunda beekta. Akkan si jaaladhu ati beekta jedheen. Iyyasuusiis:-hoolota koo bobbaasi jedheen. “

🖊️ YAA ILMA YOONAA SIMI’OON ISAAN KANA CAALAA NA JAALATTAAYII? Lakk. 15

Akkuma kana dura yaadattan gooftaan keenya Pheexroosiin “kana booda nama kan kiyyeessitu taata “ (Mat.4:19, Mar.1:17, Luq. 5:10) jedheenii ture. “Furtuuwwan mootummaa samiiwwanii siifan kenna.” (Mat.16:19) jedheenii ture.

Pheexroos itti gaafatamummaawwan kanneen erga baatee booda, gara doonii fi kiyyoo duraaniitti ’uu isaa ilaalee jechuunii isaati.

Furtuu lafaafi samii irratti aangoo qabu fannoo, aangoo lubummaa, duuka bu’ummaa… dhiistee maaliif galaaana Xibriyaadoos yaadda? Maaliif hojii dur dhiisi jedhamtee ajajamte qurxummii qabuudhaaf ajaja gooftaa dubatti jetta? jedhee akeekkachiisuu isaati.
Akkuma duuka bu’aa kamiitti otoo hin ta’iin, bifa duuka bu’oota biroo irraa adda ta’een na jaalattaa? jedheeti kan inni Pheexroos gaafate. Furtuu mootummaa samii ittiin banan kanan kenne si’iifi; maaliif furtuu qabattee qurxummii kiyyeessutti deebitaa? jechuuniisaati.

🖊️ EYYEE YAA GOOFTAA AKKAN SI JAALADHU ATI BEEKTA. Lakk.15

Amma akkuma qalbeeffattan qulqulluu Pheexroos beekumsa Iyyasuuus Kiristoosiif kenne. Ana caala laphee koo ati beekta jechuunii isaati. Jechi of tuulummaa kana dura dubbachaa/dubbatee ture akka isa hin baasne hubateera. “Hundumtuu yoo sitti dogoggoran, ani goonkumayyuu sitti hin dogoggoru.” (Mat.26:33) “lubbuu kooyyuu siifan kenna.” (Yoh.13:37) jedhee dubbachaa kan ture jechoota kana otoo hin raawwatin hafuusaa ni beeka. Halkan tokkotti Si’a sadi garuu isaas ni yaadata.

🖊️ SADAFFAA NA JAALATTAAYII? WAAN JEDHEENIIF PHEEXROOS NI GADDE. Lakk. 17

Gooftaan keenya Pheexroos ala sadi gaafate. Sadaffaarratti ni gadde. Gaafichi ganiimsa si’a sadii wajjiin kan wal qabate ta’aa laata? jedhee waan yaadeef gadde. Pheexroos, “Yaa gooftaa hundumaa ati ni beekta.” jedhe. Ati keessa koo ni madaalta, jabina jaalala koo ni safarta jechuunii isaati.

HOOLOTA KOO BOBBAASI

Bobbaasuun abbummaa, itti gaafatamummaa, hangafummaa agarsiisa. Itti gaafatamaa, hangafa duuka bu’oota hundumaa taasise jechuudha. Itti gaafatamummaa kanas erga fudhatee booda gaafiwwan dhufan hundumaaf adda durummaadhaan yeroo deebii deebisu arganna. (H.D.B 2:14-36, 3:12-26, 4:8-20, 5:29)
🖊️ Hiikoon simaa keenya akka jedhutti: jabbiloota kan jedhaman duuka bu’oota kurnan, xabbootiwwan kan jedhaman gargaaartota torbaatamii lamman, hoolota kan jedhaman dubartoota qulqulloota soddomii jahan akka ta’anii fi yeroodhaaf isaan kanneen irratti Pheexroos muuduu ibsa.
Pheexroos erga ganee booda muuduu isaas yeroo ibsu “inquu suphee keessatti kufe qulqulleessanii, dhiqanii iddoo isaa akka teessisan” jechuudhaan waliin madaalchisee ibsa.

🖊️ Hiikoon simaa gi’iizii gara gi’iizii immoo “Yoo na jaalatte, amantootatti seera koo himi, baruumsa koo barsiisi, mucummaa akka argatan taasisi.” yeroo jedhuunidha jedhamee hiikameera.

Waan dhageenyeen nu haa jiraachusu. Qalbeeffannaa nuuf gaa dabalu.
Xumurameera!
29/08/2018 B.A
Finfinnee, Itiyoophiyaa

dhugaan dhokatee siidan ijaarame 😭Jiraa jibbanii du'aa jaalataan🫣yaadattu yeroo wayii namoota isa ajjeessan waamuudhaaf ...
05/05/2026

dhugaan dhokatee siidan ijaarame 😭
Jiraa jibbanii du'aa jaalataan🫣

yaadattu yeroo wayii namoota isa ajjeessan waamuudhaaf jedhanii maqaa nama tokko yeroo Shan Waaman xilee xilahuun xilee jedhaniitu yeroo afur shan ofi irraa illaala Gabaasa Soba Nu Afuufan🙄
nuti siidansaa ijaaramuunsa nu gammachiisa garuu osoo dhugaan isaa nuf baa'e kana caalaa akka nu gammachiisu beektu

siidan isaa piyaassaa 4 kiiloo iddoo namoonni hedduun itti argaman iddoo marfataa addababayisa guddaarratti osoo ijaarame kana caalaa akka nu gammachiisu beektu hunda caalaa garuu dhugaan hacee keenyaa waaqayyoon hin balleessin hacee keenya yeroo hundumaa si jaalanna ati goota keenya nama lubbuun jiruu caalta abdii keenya biyya keenyaaf wareegamte ati qaalii keenya jecha kamiinuu yeroo hundumaa isini ibsu .
Hacee jechuun nama aartii qofa osoo hin taane nama himtee qabu inni raajidha malee sirba qofa jedheen hin yaaduu.
Har'a siidaf miliyeena meeqa baastanii kan hojjettan kan osoo kaleessa eegduu Latanif tikfattan kan koo jettanii ajjeechisu Batan
Garii Ture
haceen har'as jiraa ture har'ayyuu artistoota keenya nu Egaa.

Dhugaa Hacee yaa Waaqayyoo ammalee Nu Barbaadii Jedha Darba.

Dubarri tokko heerumuf maal qabachu qabdi ?😁
04/05/2026

Dubarri tokko heerumuf maal qabachu qabdi ?😁

29/04/2026

Dubbii Xumuraa 😭😭
Sobaa Mitti Adda Baafadhe jira
koobee Nama Qulqulleessuu Irraa Kate Hara Iddoo Guddaa Geessee Atti Fakkenyaa Dubaroota Jeene Osoo Sii Abdanuu OF galafatee Ayyiiiiiiiiii

Uuuuu. maaalloooo😭😭😭😭😭😭yaa jiruu biyyaa lafa Amanuu? 😭Dhugaadha jedhee Amanuun baay'ee natti ulfaate.  siin jechuuf samm...
29/04/2026

Uuuuu. maaalloooo😭😭😭😭😭😭
yaa jiruu biyyaa lafa
Amanuu? 😭

Dhugaadha jedhee Amanuun baay'ee natti ulfaate.
siin jechuuf sammuu akkas jedhun dhabe.
Baay'een gadda.
Social Media kana irratti garuu nan arge,
Har'a firrikee baay'eedha,
Har'a kan wayyoo garraammiikoo siin jedhu baay'eedha
Har'a nama gaarii turte jedhee kan gaarummaakee online irra naanneessu baay'eedha.
Kaleessa garuu kumaatama hedduu Har'a gaarummakee haasaa'u kana keessatti nama dhabde.

Akkamitti siin jedhuu ?
Akkamitti amanuu?
😭😭😭😭😭😭

Nanis Maamiru Meeroon  nan Jedha Jete jedhan😁lubbummaa Fudhachuuf Barumsaa Waan Egalte Fakkataa 🫠 maalif Jete Laata . Ka...
28/04/2026

Nanis Maamiru Meeroon nan Jedha Jete jedhan😁
lubbummaa Fudhachuuf Barumsaa Waan Egalte Fakkataa 🫠
maalif Jete Laata .
Kan Isheen Jetefi yoo seera M. Kiristaan Cabistaan Waal Muudan Nusi Akkaa Hin Tane Maaltu Nu Dhorka Seericha m. Kiristaan Cabsa Nus Nu muuda erga Gootan Waan Jedhu fakkaata.🤗. Mee namoon Hubbanoo qabdan Namni Tokko Amanta isaa Yoo Jijjiree Deeme yoo Deebi'ee Iddoo isaa jalqabaati Lubbumati Deebi'uu Danda'aa moo Hin Danda'u??---------- Yaada keessaan nu qooda
Moormiin ishee Sirrii moo Dogoggora laata??
HUB: ani Enyuumaa Qeeqa Hin Jiruu . Dhugaan eessaa Jirti Kan Jedhuu Irraa Jira Maale.
Dhimmii kun Orthodox qofa Ilaalata Kun Keessaan Darbaa Harafi

kuta Itti Anu nu Egaa.

Meeroon Firii Tewahido KanMaariyaamiin/

27/04/2026

Meeshaa Kamu Dubai irraa kara Ethiopiatti namoon Ergaatan ammaa Na Dubbisa .
Guyyaa Roobi Imala.

Akkami jijjiramni jira Erga Dubai dhufe😁yoo hin jirane nan gala🙄👇👇Harki Caalu Gali yoo jedhe nan gala yoo sii ta'e jedha...
16/04/2026

Akkami jijjiramni jira Erga Dubai dhufe😁
yoo hin jirane nan gala🙄👇👇
Harki Caalu Gali yoo jedhe nan gala yoo sii ta'e jedhan nan tura Asumaatin fudha😄🙄😁
Garuu waan baayee arguun koo jiruu koofi dandii nafi Ta'ee
Suura Ayyana Faasikaati.

iddoo naga ola

13/04/2026

murtoo Kan Irraa Of Egadhuu

Address

Sebeta

Telephone

+251938767104

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dheeressaa lammesa ዴሬሳ ለሜሳ .Page posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The University

Send a message to Dheeressaa lammesa ዴሬሳ ለሜሳ .Page:

Share