13/04/2025
-Arsii (Kutaa 1ffaa)
Na hoffolchaa!
√Oromoo keessaa kutaan Arsii Seenaa guddaa qaba.
Seenaa Oromoo Arsii durii keessaa tokko
Isa bara Mootii Gonfoo minilik yoo yaadadhu imimmaantu ija na guuta,
Lafatu naan mara,
Guyyaatu natti dukkanaa'ee bakka jiru wallaala.
Gootota akka maleen(Haala Suukaneessaan) kophaadhaaniif miirreen nurraa wareegaman San sammuun Koo na yaadateeti!
Oromoon Arsii bara minilik keessa Seenaa guddaa hojjate qaba.
Innis bara minilik babal'ifannaa lafaa geggeessu Sana yeroo jaha injifatee,
Marsaa torbaffaaf sababa gantuuf gadi galoo Mana keessaatiin injifatame.
Akkuma Akaakoof Abaaboon keenna Seenaa hojjatanii darban nutis Seenaa durii yaadataa Sabaaf Seenaa hojjachuuf yaaduuf yaaluu qabna.
Na hoffolchaa Kan jedheef Oromoo jedhee waan walii malee Arsii, Shawaa , Jimmaa jedhee kutaan maqaa dhahee waamee hin beeku waan ta'eef.
Kanaaf waan Arsitti dhalatteef jettanii narra hin laalinaa.
Seenaa biraatiin walitti deebinaa fayyaaf nagaa ta'aa
Galatoomaa!
Via_ BO