02/12/2022
ODUU AMMEE
Haleellaa humnoota naannoo Amaaraatiin Uummata nagaa Aanaa Kiiramuu irratti raawwateen Uummanni Oromoo Aanichaa guutummaan guutuutti buqqa'uu Waajjirri Kominikeeshinii Aanaa Giddaa Ayyaanaa beeksise.
Waajjirichi karaa fuula facebook isaatiin akka beeksisetti, dhalattoonni Oromoo gandoota Aanichaa 19 keessaa guutummaan guutuutti buqqa'anii jiru.
Haleellaa hidhattoota naannoo Amaaraatiin waggoota lamaan darban raawwatamaa tureen namoonni nagaan hedduun ajjeefamuu fi hedduun Qe'ee fi Qabeenyaa isaanii irraa buqqa'uu yaadachiise waajjirichi.
Haaluma kanaan tibba kanas bifa mul'ateehin beekneefi suukanneessaa taheen haleellaa Uummata Aanaa Kiiramuu irratti raawwatameen lubbuun lammiilee hedduu darbuun, dhalattoonni Oromoo Aanicha keessaa guutummaatti buqqa'anii jiru jedhe.
Uummata Aanicha irraa buqqa'e keessaa harki caalaan gara aanaa Giddaa Ayyaanaa Magaalaa Ayyaanaatti kan baqate waan ta'eef, Magaalaan Ayyaanaa yeroo ammaa baayyina Uummataa humna isheen ol ta'e keessummeessuu irratti argamti jedhe waajjirichi.
Uummata magaalaattiitti baqatee jiru kanaafis koreen ijaaramuun iddoo qubannaa yeroo qopheessuudhaan tajaajilli yeroo kennamaafii kan jiru ta'uu waajjirichi eeree, baay'inni uummata gara magaalaa Ayyaanaatti baqataa jiruu ammas dabalaa jiraachuu himeera.
Qaamni dhimmi ilaalu kamiyyuu furmaata hatattamaa akka kennuu fi garaagartummaa tokko malee qindoominaan gumaacha lammii isa irraa eegamu akka taasisu, Waajjirri Kominikeeshinii Aanaa Giddaa Ayyaanaa yaamicha taasiseera.