Sami Fikadu

Sami Fikadu Kuusaa walaloo

07/12/2023

Leenjiin Leenjistoota Sirna Odeeffannoo Bulchiinsa Barnootaa/Education Management Information System/ irratti marsaa 2ffaaf kennamaa ture har'a xumurame.
------------
BBO-Sadaasa 26/2016 Biiroon Barnootaa Oromiyaa sirna ragaa barnootaa sassaabuu, kuufachuufi bulchuu ilaalchisee dursitoota gareefi ogeeyyota Godinaalee/Bul. Magaalotaa/fi Aanotaa irraa dhufaniif marsaa 2ffaaf Magaalaa Adaamaatti guyyaa sadiif leenjii kennaa ture har'a xumureera.
Leenjiin leenjiftootaa kun kan kenname mata dureewwan lama irratti kan xiyyeeffate yoo ta'u.
isaanis;
1- Moosaajii Ragaan Barnootaa Irratti Qindeeffamu (StatEdu.2)fi
2- Gucaawwan Ragaan Barnootaa Bara 2016 Ittiin Sassaabamu irratti leenjiin bal'inaan kennameera
Gucaawwan ragaan barnootaa ittiin sassaabamu gosa gosaan leenjiin irratti kennameera.
Gucaawwan kunniinis:-
Barnootaa Sad. 2ffaa
Barnootaa Sad. 1ffaa,
Barnootaa Bu'uura Boruufi
Barnootaa Al-idilee bara 2016 ittiin funaanamu hubannoon kennameefii leenjifamaniiru.
Leenjitootni 206 ta'an Godinaalee, Magaalotaafi Aanota irraa walitti babahan kunniin, bakka irraa dhufanitti deebi'uun, qaamota guca kana guutan Dura Bu'oota Manneen Barnootaatiif leenjii wal fakkaataa akka kennan beekameera.
Leenjii kan kennanis, BBOtti ogeeyyota Garee Sirna Odeeffannoo Bulchiinsa Barnootaa ta'uun beekameera.
Dhumarratti, BBOtti Dursaan Garee Sirna Odeeffannoo Bulchiinsa Barnootaa obbo Amanuu Baqalaa sirna cufiinsa leenjichaa irratti ragaa barnootaa dhugaa ta'e qabaachufi bulchuun qulqullina barnootaa mirkaneessuuf gahee olaanaa waan qabuuf leenjitootni hundi akkuma asii deebitaniin daayirektaroota manneen barnootaa qulqullinaa akka leenjisaniifi deeggarsa barbaachisaa ta'e akka taasisan dhaamsa dabarsaniiru.

Leenjiin marsaa 1ffaa torbaan darbe keessa dursitoota gareefi ogeeyyota 207f kennamee kan ture yoo ta'u, kan marsaa 2ffaa dabalatee ogeeyyotaafi dursitoota garee, walumaa galatti 413 leenji'aniiru.

24/04/2022

Baga Yaadannoo
Du'aa Ka'uu Fayyisaa Keenya
Gooftaa Yesuus kan
Bara 2014
Nagaan Geessan
Happy Easter!!!!!

14/03/2022

7 star
***
***
*

Walaloo Tole jedhaaree? kutaa 1ffaa
24/01/2022

Walaloo Tole jedhaaree?
kutaa 1ffaa

05/11/2021

Hiree
Kennaa nama hundaatii
Wajjiniin dhalatuu
Nama hundat qabaa
Gooftaadhaa haa galatuu.

Akkam jirta qallookoKichuuko asheta 𝑙𝑎𝑔𝑎𝑎ℎ𝑎𝑚𝑡𝑢𝑢𝑘𝑒𝑒 𝑑ℎ𝑎𝑔𝑎ℎ𝑢𝑢 ℎ𝑖𝑛𝑓𝑒𝑑ℎ𝑢𝑦𝑜𝑜𝑚𝑢𝑢 𝑠𝑖𝑓𝑎𝑛 ℎ𝑎𝑤𝑤𝑎 𝑛𝑎𝑔𝑎𝑎
14/03/2021

Akkam jirta qallooko
Kichuuko asheta 𝑙𝑎𝑔𝑎𝑎
ℎ𝑎𝑚𝑡𝑢𝑢𝑘𝑒𝑒 𝑑ℎ𝑎𝑔𝑎ℎ𝑢𝑢 ℎ𝑖𝑛𝑓𝑒𝑑ℎ𝑢
𝑦𝑜𝑜𝑚𝑢𝑢 𝑠𝑖𝑓𝑎𝑛 ℎ𝑎𝑤𝑤𝑎 𝑛𝑎𝑔𝑎𝑎

Address

Tulu Dimtu

Telephone

+251932508482

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Sami Fikadu posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The University

Send a message to Sami Fikadu:

Share