23/03/2024
Shawaa Kibbaa Lixaa, Aanaa Tolee
Bitootessa 21/2024 ykn 11/2016
Aanaa Tolee Bulchiinsa Magaalaa Baantuu keessatti dhiibbaan jibba Amantii bu'uura godhate irra deddeebiin nurratti raawwachaa jira.
Gaafa guyyaa 10/07/2016 halkan sa'aa 1:30 irratti Meeshaa waraanatu jira jedhuun Galma Amantii Waaqeffannaa Hora Baantuu seenuun Galmaa fi waajjira konyaa sakatta'uun erga qulqulleeffatanii homaa dhabanii booda koreelee maqaan isaanii:-
1.Mul'saa Tashoomaa Gaggeessaa Kutaa Faayinaansii Konyaa Tolee
2.Oliiqaa Mul'ataa Barreessaa Kutaa Barnootaa Galma Hora Baantuu
3.Nagaasaa Kabbadaa I/A/ barreessaa Kutaa Barnoota Galma Hora Baantuu Qorannee deebisna jechuun osoo hin hiikamin Kaampii Waraanatti hidhamanii jiru.
Sakata'iinsi kuni ji'a darbes guyyuma wal fakkaataa poolisii Aanaatiin gaggeeffamee ture Galmi qulqulluu ta'uu mirkaneeffatanii odeeffannoo dogoggoratu nu dhaqqabe jechuun wal hubannoon uumamee ture.
Haata'uuti haala baratamaa hin taanee Galma Amantii ta'uu osoo beekanuu miseensa keenya yaaddessuun hammaatee jira.
Aanuma kana ganda Wasarbii migiriddii keessatti Galma argamu Galma Hora Laliseetii koree Galmaa nama Leellisaa Hawwaas jedhamu barreessaa kutaa Odiitii fi too'annoo kan ta'e gaafa 03/07/2016 qabuun reebicha irratti gaggeessuun hanga ammaatti Osoo hin gadhiifamin jira.
Galmi kuni sagantaa akka hin gaggeeffanneef irra deddeebiin galmi akeekkachiifamaa fi miidhaan qaamafi xiinsammuu koreelee keenyarra gahaa waan jiruuf warra Amantii ta'uu Aanaa Tolee tiif haaraa waan hin taaneef akka mirgi Amantii keenya gaggeeffachuufi guddifachuu nuuf kabajamu isin gaafanna.