06/06/2022
💪Gootummaa fi 🙆‍♀ ╠D U u
Jechoota kunneen laman yeroon wal biraa qabe barreessu waan addaa sammuu kiyyaa keessatti dhaga'ame fi dhugaa qabatama ija kiyyaan arga jiru gidduugaleessa godhachudhanini. Jechi gootummaa jedhus ta'e kan â• duu jedhu hawaasa Oromoo biraatti kan hiika guddaa qabu fi yeroo baay'ee itti fayyaadamamudha. Oromoon ilma isa uume iyyuu akkaata hujii isa ilaalun ati goota kooti ykn immoo ati abbaa oduuti jedhan.Kun immoo isa goota jedhamen sanitti onnee yoo horuu kan biroo immoo ni salfachiisa.
Eega mee waa'ee gootummaa fi â• duu akkaata ilaalcha hawaasatin ammana yoon jedhe , Akkaata hojii fi Onnee isaani Rabbii isaanif kennen namoonni ciccimoon Addunyaa kana irraa Gootummaan farfaaman hedduun yoo jiraatan , kanneen immoo â• duudhan beekamti argatan waan jiran natti hin fakkaatu. Gootummaan â•nnee uumama ittin namoonni baayyeen biyyaa isaanif haarsa dadhaabi qaamas ta'e wareegama lubbuu itti kanfalaniidha. Akka fakeenyatti addunyaa kana seena aja'iba kan hojjeetan Martin Luter King fi Nelsan Mandeela fudhachu ni dandeenya. Namoonni kunneen laman isaan ciccimmoo seenan isaan yaadatudha. Yeroo warrii adiin olaantummaa isaani isaa daanga hin qabne warra gurraacha irraatti agarsiisu barbaadani fi gurraacha bitaachun itti fayyadamu fedhan ; warra namni namummaa isaatin wal qixa jedhani morma turani fi ittis milkaa'anidha. " I have a dream , One day..........." Martil L king. Namoonni akkaasi seena gaari dalaganii dhaloota waan gaari olka'an kunneen eega Gootota jedhamu. Warreen yeroo isaan mirga gurraachootaf falman lakkii jechuun dura dhaabatan immoo warraa â•duu jedhamu. Sababin isa seenan waa'ee isaani waan jedhu hin qabu waan ta'efii.
Gara biyyaa keenya ishee seena fi duudha dangaa hin qabne qabdutti yoo dhufnes jechoonni kunneen laman waan ittin yaadataman heddu qabu. â•romiyaan dachii midhaagdu fi waan hundumaan guute kan qabdu fi fayyaa Oromummaatin kan guutamteedha. Oromoon immoo saba baldhaa gaanfa Afrikaa keessaatti argamu tahe,