Tariku Màçhule PAGE

Tariku Màçhule PAGE Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Tariku Màçhule PAGE, College & University, Woliso.

Share Now!
30/07/2025

Share Now!

YEROOF DHIIGA SI DIBUU DANDA'U, GARUU SI HIN MO'ATAN ! Mee dubbisi !

Yosef irratti obboloonni isaa Warra inni galaa isaaniif naqatee lafa onaa keessa joorutu, hinaaffaadhaan irratti ka'an.
Inni miilla ijoollummaa miila kichuu abbaa isaa irraa fagaatee hin beekne sanaan gaara Yaabee dachaa bu'ee, guba aduudhaan waxalamaa Galaa isaanii baatee isaanitti adeema, isaan immoo hirree fi humna dargaggummaa qabaniin, nyaata yosef geessu irraa humna argataniin akkam godhanii akka isa balleessan isa irratti mari'atan. Bollattis gad darbatan.

Boolla keessaa immoo baasanii gurguratan. uffata isaa isa irratti inaafan sana irraa baafatan, kanaan nu gahe hin jenne. Uffata kanatti dhiiga dibanii Seenaa Yosefiin hin ilaallanne abbaa isaatti himanii akka Waan Yosef du'eetti garaa kutan.

Inni Madaalliin isaa sirrii, bakka hundumaatti wal qixa kan argu, inni nama wal hin caalchifne Waaqayyo garuu gaafa murtoo kennu hundumti isaanii dhufanii harka Yosef irratti Kufan.
Yosef sooruudhaaf uumame, kennaa isaati. Mootii Yeroo ta'es obboloota isaaf Galaa kenne, yeroo mucummaa isaas galaa isaanii isatu baata ture.

Firako na dhaggeeffadhu, har'aaf warri dhiiga si diban waan si mo'atan sitti fakkaachuu danda'a, Waan si kuffisanis sitti fakkaachuu danda'a, gara ganamaa Yoo sitti sirban iyyu Galgala garuu jarri boojuu keeti. Fuuldura kana beela tokkotu jira, beela harka kee isaan galchu.
Egaa ati Sooruuf uumamte, Jallootatti hin qabamin, gaafa isaan dhufanii si harkatti kufanis Gaarummaa kee isa Waaqayyo si barsiise sana dabalii itti agarsiisi.

Hammina Jallootaa ilaaltee Jaalala Waaqayyo irraa barte sana hin dhiisiin !

Yesus in dhufa, hin turu !

Dubbisteetta taanaan share godhi !

Bikila Kebede
2025

      IFA FAYYINAA!
17/05/2025


IFA FAYYINAA!

 .. By. B:KAmaloota Tiksee Gaarii ! 1. Hoolota isaa jaallata, hoolonni isaa sagalee isaa beeku, in amanatus. 2. Waan Hoo...
06/05/2025

.. By. B:K
Amaloota Tiksee Gaarii !

1. Hoolota isaa jaallata, hoolonni isaa sagalee isaa beeku, in amanatus.
2. Waan Hoolota isaaf barbaachisu isaan irra caalchisee beeka.
3. Waan isaan dhukkubsu fi isaan sodaachisu in hubata
4. Sodaa akka isaan hin qabaanneef, tiksummaa isaa irratti of gatanii yaaddoo malee akka jiraataniif nuffa malee hojjeta
5. Marga gaarii fi burqaa qulqulluutti geessa
6. Yoo Hoolonni badde hamma argatutti hin boqotu, dhimmee barbaada
7. Diina irraa dammaqee eega
8. Iddoo isaan boqotan qopheessa
9. Miidhamni yoo irra gaheera ta’e adda baasuuf yeroo yerootti qaama isaanii sakatta’a
10. Isaan dura adeemee karaa itti agarsiisa
11. Isaan qajeelcha
12. Yeroo isaan miidhaman in wallaana
13. Bowwaa akka isaan hin seenneef dammaqee karaa irratti eega
14. Dibata dhukkuba ittisu isaan diba
15. Walii isaanii akka isaan wal hin Lolle fi wal hin miine eega
16. Of eeggataaf, lubbuu isaa Aarsaa godhaaf
17. Fayyaa ta’uu, itti toluu Karra hoolota isaatti hedduu gammada
18. Baayyee utuu qabuu tokkittii badde barbaacha deema.
19. Hoolaa badde gaafa argatu guddaa gammada
20. Ofitti qabee hammata, laphee isaatti butatee baata
21. Hoolonni gaafa Quufan Baay’isee gammada, itti tolas.

Yoh 10 : 11

   .        ✓Dhumni Isaa Garuu Gaaratti Ol             Bawuudha! .        √ DHumni Isaa Garuu Gadi Bu'uudha!
12/04/2025

.
✓Dhumni Isaa Garuu Gaaratti Ol
Bawuudha!
.
√ DHumni Isaa Garuu Gadi Bu'uudha!

D.IKan waan ofiisaayyuu beekee hin abuurranne Bishaan hubboo keessaa kan ka’ee hin buufanne Kan ganama taa’ee galgala ol...
19/02/2025

D.I
Kan waan ofiisaayyuu beekee
hin abuurranne
Bishaan hubboo keessaa kan ka’ee hin buufanne
Kan ganama taa’ee galgala ol jedhu
Kan jilbaan ulfaa’ee mataan da’uu fedhu
Kan qilleensa abootu dhaloota fuggisoo
Karaa walii hin laannee qabee wal kuffisoo
Akkan irraa hin gorre ijatti hin mul’atu
Akkan itti hin gorre waan gaarii hin dubbatu
Waraantuu bubbuttuu akka hiddii balbalaa
Qoccoltuu moccortuu ganamaaf galgalaa
Wanta barri baatu maalan himee fixaa?
Ol badaa gadi badaa wal maraa wal xaxaa
Furmaannikoo oli an Olan ilaala
Akeekni Waaqayyoo hundumaa irra caala
Silaas deebii hin qabu yoon namatti himadhe
Argaan dhabe mitiim callisuun Filadhe
. I

19/02/2025

Har'a Nama.
Bor Immoo Seena Taana!
E.B

14/02/2025

DASTAA I

1. Ani ilma namaa hundumaa nan jaaladha, ija tokkoonan ilaalas. Hiriyaa garuu nan filadha.
2. Baay’een gadi of deebisa garuu of irran si deemsisa jechuu miti.
3. Isa na gararraa jiru irraa of tuulummaa tokko maleen baradha. Isa naa gadi jiruuf sassata tokko maleen qooda.
4. Nama hammakoo hin beekne fi nama hamilee koo rukutuuf tattaafatu wajjin second tokko hin dabarsu.
5. Akka na gorsitu nan barbaada. Akka na gogsitu garuu hin barbaadu.
6. Gaafa bishaan daaktu situ of baata malee Galaanatu si baata miti. Sababiin isaas ati of gadhiifnaan Galaanni second tokkoof illee sin baatu gadi sidabarsa. Kanaaf waan baay’ee nama irraa hin eegiin, kufaatiikeefis nama biraa hin komatiin ofiikeetti cimaa ta’i.
7. Tokkummaa jechuun akka qaaraa fi ashaboo walitti daakamuu jechuu miti. Akka tokkummaa dhaqnaa iddoo ofiitti shoora ofii bahuu dha malee. Kanaafuu cabsitee ofitti namakuuf hin rakkatiin ani anuma.

   koo maaliif rarra'e jedhee si komataam!🙄🙄Deddeebisee of yaadachiisuun qaba 👇??👇  Dargaggeessa tokkotu Abbaa isaatiin ...
12/02/2025


koo maaliif rarra'e jedhee si komataam!🙄🙄Deddeebisee of yaadachiisuun qaba 👇??👇


Dargaggeessa tokkotu Abbaa isaatiin “Gatiin Jireenyaa hagamii?” Jedhee gaafate. Abbaan isaas deebii kennuu dhiisee waan tokko isa Abboome. “Hoodhu dhagaa kana gara gabaa tti geessi. Yoo namni gatii isaa sigaafate qubakee lamaan ol qabi. Achii booda waan isaan jedhan dhaggeeffadhuu gara manaatti deebi’i.” Jedheen. Mucaanis akkuma abbaan jedhe dhagaa fudhatee dhaqee gabaa walakkaa dhaabbate. Namni tokkos dhufee “gatiin dhagaa kanaa meeqa? Fudhee galeen mooraakoo keessa kaa’a “ jedhee gaafate. Mucaanis utuu homaa hin dubbatiin quba isaa lamaan ol qabe. Achii namtichi “qarshii lama jechuu keeti fakkaata siifan kennakaa” jedheen. Mucaanoo kanumaan firinxiixee gara manaatti galee mudannoo isaa abbaa isaatti hime. Abbaan isaa, “Ammammoo dhagaa kana fudhii gara Muuziyeemii deemi” jedheen. Mucaanis akkuma itti himame dhagaa isaa fudhatee dhaqee Muuziyeemii balbala dhaabbate. Tokko itti dhufee “gatiin dhagaa kanaa meeqa? Muuziyeemii kana keessan kaa’a” ittiin jedhe. Gurbaan ammas akkuma amala isaa quba isaa lamaan olqabe. Namtichoo “qarshii kuma lama jechuu keetii? Maarree siifan kenna “ jedheen. Mucaan ammas utuu homaa hin dubbatiin fiigee gara manaatti gale. Mudannoo isaa gara Muuziyeemiis Abbaa isaatti hime. “Amma immoo dhagaa kana fuudhii lafa dhagoonni gatii jabeeyyiin itti gurguraman dhaabbadhu” jedheen Abbaan isaa. Ammas mucaan dhagaa isaa qabatee lafa dhagaa gatii jabeessi itti gurguraman deeme. Abbaan warshaas itti dhufee “ Namana waan kana eessaa argattee? Kun bar baay’ee qaalii dha darbee darbee malees hin argamu. Ofii meeqa jetta gatii isaa? Jedheen. Mucaan akkuma amala isaa suuta jedhe quba lama ol itti qabe. Namichis gammadee “Milliona lama jechuu keetii? Yoo ta’e nan bita” jedheen. Mucaan naasuu guddaadhaan akka Harree faacha ciniinteetti arreedee manatti gale. Achii harganaa waan isa mudate Abbaa isaatti hime. Abbanis “ yaa ilmakoo amma gatiin jireenyaa waan siif gale natti fakkaata “ jedheen. Itti dabalees “ Argitee ilmakoo gatiinkee kan inni shallagamu eessaa akka dhufteef eessaan akka dhufteen miti. Eessa akka of keessee jirtuuf lafa ati of dhaabdeen shallagama. Tarii haga ammaatti jireenyakee kanaaf tilmaama qarshii lamaa laattee jirta ta’a ykn kuma lama. Waan gatii jabeessa sikeessa jiru namoota arguu hin dandeenye bira yeroo ooltu gatii isaan sitti baasaan xiqqaa waan ta’uuf sanuma amantee fudhachuudhaan of cabsitee jiraatta. Eenyu giddu akka ooltu, eessa akka of keessee jirtu tu gatiikee shallaga. Jireenya keessatti adda addummaa kan fidu kana. ilmakoo ilaalladhuu taa’i, ilaalladhuu deemi, ilaalladhuu shirkoomi” ittiin jedhe. Akka irraa barattan abdii guddaan qaba.
, Doctor Destaa Hinsarmuu Olaanaa✍️✍️✍️

 &SAAMII_👉🥰
05/01/2025

&SAAMII_👉🥰

 ! Natti!..................Rom. 2¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¹ Kanaafis ati yaa isa nama biraatti faradduu, waan itti qabattu hin qabdu! A...
23/09/2024

! Natti!..................Rom. 2
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹ Kanaafis ati yaa isa nama biraatti faradduu, waan itti qabattu hin qabdu! Ati inni namatti faraddu, isuma namichi sun hojjete waan hojjettuuf, firdii isatti faraddeen ofitti in faradda.
² Nuyi garuu firdiin Waaqayyoo inni warra waan akkasii hojjetan irratti dhufu qajeelaa akka ta'e in beekna.
³ Ati yaa namana! Warra waan akkasii hojjetanitti faradda, ofii keetii immoo isuma sana yommuu gootu, firdii Waaqayyoo jalaa baqattee kan baatu sitti fakkaataa?
⁴ Yookiis baay'ina gaarummaa isaa, obsa isaa, siif danda'uu isaa salphaatti ilaaltaa ree? Gaarummaan Waaqayyoo gara geddarannaa yaada garaatti akka si geessu hin hubattuu ree?
Saba Waan Dubbatu Lafa Keessa Barbaadu Kanaaf Ajandaa Taate! !
NA MARARTA!

 !
21/09/2024

!

Address

Woliso

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Tariku Màçhule PAGE posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share