Urjii Addunyaa

Urjii Addunyaa waajjirw Mana Maree Aanaa ATJK

15/08/2026
07/08/2026

Aanaa Hojiilee Inisheetiivii W/ra Qonnaa Hojjataman!

07/08/2026

Jijjiiramaaf Si Caalaa Namni Sirrii, Ammaa Caalaa Yeroon Sirrii Bakka Ati Jirtu Caalaa Bakki Sirrii Hin Jiru.

Gargaaramtummaan Qaaniidha!= = =Biyyoonni Addunyaa guddinni diinagdee isaanii sadarkaa fooyyerratti argamu hojii hojjeta...
07/08/2026

Gargaaramtummaan Qaaniidha!
= = =

Biyyoonni Addunyaa guddinni diinagdee isaanii sadarkaa fooyyerratti argamu hojii hojjetan hunda beekumsa, ogummaafi kalaqaan utubuun uummata isaanii hirmaachisanii oomishtummaa waan dabalaniifiidha.

Biyyi keenya Itoophiyaanis biyya qabeenya uumaamaa danuufi seenaa birmadummaa daangaafi siyaasaa qabaachuun Addunyaa irratti beekamtu taatus qabeenya uumamaa qabduufi humna namaa qabdutti sirnaan fayyadamuu dhabuun seenaan gargaaramtummaa ishee umurii dheeraffachuun maqaa gaarii biyya keenyaatti gufuu guddaa ta'uu danda'eera.

Haa ta'u malee biyyi keenya barii jijjiiramaa irraa eegaltee miira xiiqiin karoora, tarsiimoofi imaammataa bu'a qabeessa hojiirra oolchun humna namaa qabduufi qabeenya uumamaa qabdu itti fayyadamuu eegaluun gama misooma qonnaa, industirii, daandii, humna ibsaa, teeknooloojii dijitaalaa, hojii ashaaraa magariisaafi damee tuurizimiin bu'aaleen guddina diinagdee biyya keenyaaf humna milkaa'inaa ta'an danuun argamaa jiru.

Kanaafis, Mootummaan biyya waan hundaan badhaate ijaaruun dhaloota egeree dhaalchisuuf hojii hojjetamu hundatti hawaasni keenya amanee of kennuun akka hojjetu inisheetiviwwan garaa garaa bocuun hojiirra oolchuu, qabeenya uumamaa qabnutti sirnaan akka fayyadamnu taasisuu, dargaggoota ogummaafi hojii kalaqaatiin cimsuu, oomishtummaa guddisuufi carraa hojii bal'aa uumuun biyya fakkeenya badhaadhina Addunyaa taate ijaaruuf hojjechaa jira.

Dhaloonni kunis gargaaramtummaan kadhata bifa jijjiirrate ta’uu sirnaan hubachuun gargaaramtummaa seenaa taasisuuf cichoominaan hojii hojjechaa jiruun oomishaafi oomishtummaa isaa guddisuu bira darbee guddina diiagdee biyyaaf humna jabaa ta'aa jira.

Mootummaan Naannoo Oromiyaas jijjiiramaan booda ajandaa guddaan aggaammii birmadummaa biyyaa irratti dhufe gargaaramtummaa ta'uu sirnaan hubachuun gargaaramtummaan nama dhuunfaa qofa osoo hin taane birmadummaa biyyaarratti kan aggaamame sarara diimaa of eeggannoo cimaan irratti hojjetamuu qabu ta’uu xiinxaluun xiyyeeffannoon masakee karooraan hoogganee hojii hojjechaa jiruun imalli eeggattummaa seenaa taasisuuf yaadame milkaa'aa jira.

Kanaanis ergama akka biyyaatti qabame milkeessuuf hojii ilaalcha jijjiiruu irraa kaasee hanga waadaa gochaan dhugoomsuun gargaaramtummaa seenaa taasisuuf kutannoon hojjechaa kan jiru yoo ta'u, akka naannoo Oromiyaatti Buusaa Gonofaan yaada rimee kana gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf hojjiiwwan hojjetamaa jiran milkaa’ina guddaadha.

Kanaafuu, gargaaramtummaan qaaniifi oomishtummaan qananii waan ta'eef hojii hojjannu hunda keessatti oomishtummaa daballee gargaaramtummaa hambisuuf lammii hundi xiyyeeffannoo addaatiin hojjechuun barbaachisaadha.

Aanaa   Ganda   Hojii KTLtiin Meeshaaleen Barnootaa Barattootaaf Kennamaa Ooleera!
06/08/2026

Aanaa Ganda Hojii KTLtiin Meeshaaleen Barnootaa Barattootaaf Kennamaa Ooleera!

06/08/2026

Address

Batu City
Ziway
483133

Telephone

+251464412832

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Urjii Addunyaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The University

Send a message to Urjii Addunyaa:

Shortcuts

Share