11/01/2026
+ = Jireenya tasgabbaaโaadha .
Mataa waan ilmi namaa qabeenya horatuutii fi mataa qabeenya waan ilmi namaa horatuuti.
Waan ilmi namaa horachuu qabu keessaa irra guddaan kabajaadha.
Namni ilma namaa kabaju, kabajamaadha ๐ค
Eenyummaan nama tokkoo hammam akka inni nama kabajuuni madaalama
Irra bareedaan waan ilmi namaa qalbii ilma namaa keessatti horatuu kabajaadha ๐
Kabajni qalbii bareecha, jireenya miidhagaa uum๐ธ
Jaalalaa fi kabajaan waan ilmi namaa xiqqaafis guddaafis, dhiiraafis dubartiifis akkaan barbaachisuudha โค๏ธ
Kanaafuu ๐ jaalalti kabajaan bira hin jirre hin turtu,
akkasumas ๐ kabajni jaalalti bira hin jirrees laaftuudha yookaan foorjiikiidha โ๏ธ
โจ Jaalalli + Kabajaa = Jireenya tasgabbaaโaadha .
Wal Kabajnee wajji haa jiraannuu?
Yaa Rabbi nama kabajuu fi kabajamuus nurazzaqi.