Imaanaa Eebbisaa Addunyaa

Imaanaa Eebbisaa Addunyaa Kontaktinformasjon, kart og veibeskrivelse, kontaktskjema, åpningstider, tjenester, stjerner, bilder, videoer og kunngjøringer fra Imaanaa Eebbisaa Addunyaa, Universitet og høgskole, Oslo.

16/09/2023

Mootummaan gibira qofaa guurratee ummata yeeyyiitti gadi lakkisuun sirrii miti. Gaafa ummanni dhumu MNO callisee ilaaluu hinqabuudha yaadni ijoon! Biyyi nama! Kan bulus nama. Ta'uu baannaan kan bulus kan bulchus hinjiru. Kanaaf dursa namaaf bakki haakennamu. Hanga yoonaatti tarkaanfiin mootummaan diina ummata akka re'eetti qalurratti fudhate hindhageenye. Faallaa kanaatiin Giddaa Ayyaanaa keessa naanna'ee waa'ee du'a suukaneessaa kanaa nama dubbate hidhaa oole jechuu dhageenye.

Amma kun seeraa? Seerri isa ajjeesuuf mirga kennee isa ajjeesamu mirga sarbe kuni maali? Yoo ummata keenyaaf dhaabattu taatan ajjeechaa ummata keenyarraa dhorkaa! Yoo hinfeenemmoo ifa baasaa nutti himaa!

15/09/2023

Guyyaa lama dura Giddaa Ayyaanaatti “Raayyaa Ittisa Biyyaa nageenya keessan eegaa jiruuf qarshii buusaa” jedhanii uummata silumaa saamamee hiyyoomerraa qarshii 500,000 walitti qabanii sangoota meeqa bitanii qalaniif!

Har’ammoo achumatti, bakkuma Raayyaan Ittisa Biyyaa nageenya keessan eega jedhame sanatti uummanni konkolaataa tokko guutuun haala sukkanneessaadhaan qalameera!

Kan uummata fixu malee kan uummata eegu hin jiru!

Uummanni keenya akka diina ofirraa hin dhorkine:
- Guutummaatti ‘Shanee’ jedhamee maqaan itti mogga’eera
- Shaneedha, shanee deeggartu jedhamee hidhannoofi meeshaa inni manaa qabu hundi mootummaadhaan irraa fudhatameera
- Yoo iyyate shanee, yoo du’e shanee, yoo manni isaa gubate shanee, yoo qabeenyisaa saamame shanee…

- Hattuun immoo ijaaramtee ameessa, qotiyyoofi midhaan nyaataa gurgursiistee uummata harka duwwaatti hambisteetti
- Faannoon qaama mootummaan deeggaramaniifi hidhannoo gurguddaa qaban immoo uummata ajjeesanii, horiisaa isa hafe saamanii, manasaa irratti gubaniiru!

Ayii uummata koo! Fira hin qabdu, mootummaa si eegu hin qabdu! Gabrummaafi gidiraan sirra dheeratte, siif gamte!

Waan dubbannu wallaalle!

15/09/2023

Namoota Giddaa Ayyaanaa irraa gara naqamteetti imalaa jiran, kanneen konkolaataa keessaa buufamanii faannoon qal*man baayyinaan 31. Kanneen lubbuun hafan 11 immoo Hospitaala Naqamteetti geeffamanii jiru!😭 Uuyii😭😭 Onneetu nama baqa! Waggaa darbes gochi walfakkaataan naannoo kanatti raawwatameera.
Waaqayyo hawaasa birmannaa dhabe kanaaf haabirmatu!

14/09/2023

Adresse

Oslo

Nettsted

Varslinger

Vær den første som vet og la oss sende deg en e-post når Imaanaa Eebbisaa Addunyaa legger inn nyheter og kampanjer. Din e-postadresse vil ikke bli brukt til noe annet formål, og du kan når som helst melde deg av.

Del