Maraaf Media

Maraaf Media Breaking News

Meeshaalee kontiroobaandii Birrii miiliyoona 500 olitti tilmaamaman to’ataman **********Torban tokko keessatti meeshaale...
05/09/2026

Meeshaalee kontiroobaandii Birrii miiliyoona 500 olitti tilmaamaman to’ataman
**********

Torban tokko keessatti meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 500 fi miiliyoona 51 fi kuma 500 olitti tilmaamaman to’adheera jedhe, Komiishiniin Gumurukaa Itiyoophiyaa.

Hordoffii Hagayya 21-27, 2018’tti taasifameen meeshaaleen kontiroobaandii alaa galan Birrii miiliyoona 400 fi miiliyoona 70 fi kuma 500 akkasumas meeshaaleen al-ergii Birrii miiliyoona 81’tti tilmaamaman to’atamuu, Komiishinichi ibse.

Meeshaaleen kunneenis oomishaalee qonnaa, uffata, meeshaalee elektirooniksii, jijjiirraa qaama konkolaattotaa, meeshaalee faayaa, jimaa, baala sammuu namaa hadoochu, qorichoota, albuudota, boba’aa, beelladootaafi maallaqa biyyoota garaagaraa ta’uu ibsameera.

Meeshaaleen kunneen qindoomina hojjettoota komishinichaa, poolisii federaalaafi hawaasaan ta’atamuu eeruun, shakkamtoonni meeshaalee kanneen daddabarsaa turan 26 fi konkolaattonni 10 to’atamuus ibseera.

Hojii to’annoo kontiroobaandii bu’aa qabeessa taasisuuf qaamoleen qooda fudhattootaa fi hawaasni hundi gahee isaanii akka bahatan komishinichi dhaameera.
Madda: Komishinii Gumurukaa

Odeeffannoo wayitaawaa argachuuf Maraaf Media follow godha.
https://www.facebook.com/maraafmedia

Sirni gaggeessaa haadha Ustaaz Ahmedin Jebel Aadde Sharafee Abbadiggaa Abbaacabsaa har’a magaalaa Finfinnee iddoo awwaal...
05/09/2026

Sirni gaggeessaa haadha Ustaaz Ahmedin Jebel Aadde Sharafee Abbadiggaa Abbaacabsaa har’a magaalaa Finfinnee iddoo awwaalchaa Muslimota Kolfeetti bakka Ulamaa'iin, Mashaa'ikkan, hoggantoonni Majlisaafi qaamoleen hawaasaa garaa garaa argamanitti raawwateera.

Rabbiin rahmata isaaniif haa godhu

02/09/2026

Hadiisa bareedaa ergamaa keenya
Nabi Muhammadﷺ kana dubbisaa
Anaafii isinillee warra rabbii isaa
argee bareedina dabalatu rabbi
nuhaa godhu🤲🏼

 #💔 HIRIYOONNI ISAANII HAR’A MANA BAREEDAA, JIRUU GAARII KEESSA JIRU… ISAAN GARUU DHALOOTA QUR'AANA BARSIISUUF JIREENYA ...
02/09/2026

#💔 HIRIYOONNI ISAANII HAR’A MANA BAREEDAA, JIRUU GAARII KEESSA JIRU… ISAAN GARUU DHALOOTA QUR'AANA BARSIISUUF JIREENYA MIJAATAA DHIISAN!

Mee yeroo tokko qofa of gaafadhu…

Hiriyoonni kee mana bareedaa fi jireenya mijataa keessa jiru. Ati hoo, osoo akka hiriyoota keetii Jireenya mijataa jiraachuu dandeessuu waan kana hunda dhiistee gara baadiyyaatti deebitee dhaloota Qur'aana Rabbii barsiisuuf jireenya kee ni kennitaa?

👳‍♂️ Sheek Suleymaan Ibraahim garuu filannoo isaanii kana godhan!

Jireenya gaarii fi bakka gaarii jiraachuu ni danda’u ture. Garuu Diinii Islaamaa babal’isuuf jecha gara baadiyyaatti deebi’anii, jireenya isaanii dhaloota Qur’aanaan guddisuuf kennan.

📖 Bara 1996 irraa eegalee hanga har’aatti, mindaa tokko malee ijoollee hedduu Qur’aanaa fi barnoota Shari’aa barsiisaa jiru.

Hiriyoonni isaanii yeroo waliin baratan hedduun har’a jireenya mijataa keessa jiru…

💔 isaan garuu Jireenyi isaanii jireenya isaaniif malu kan isaan fakkaatu miti. Rakkoo isaanii illee dhoksatanii, “Na gargaaraa” jechuun osoo hin gaafatin callisanii jiraatu.

Kanaaf…

🤲 HANGA ISAN NU KADHATANITTI HIN EEGNU!

Namni waggoota dheeraaf Diinii fi dhalootaaf of kenne tokko, nuti ofii keenyaan yaadachuun keenya kabajaa isaaf kennamu keessaa isa tokko dha.

🔥 CHALLENGE QARSHII 200 🔥

Namni kamiyyuu Qarshii 200 qofa haa gumaachu!

Qarshii 200 jechuun xiqqoo fakkaata. Garuu namoonni 100 yoo hirmaatan qarshii 10,00, namoonni 500 yoo hirmaatan qarshii 100 000, namoonni 1,000 yoo hirmaatan, Qarshii 200,000 ta’a!

🏦 Daldala Itoophiyaa
💳 : 1000670527313

🤲 Yoo hirmaatte, comment keessatti “hirmaadheera ” ykn “DONE” jechuun barreessi.

📢 Yoo gumaachuu hin dandeenye, godhi! Tarii SHARE kee tokkoon namni isaan gargaaru tokko argamuu danda'a.

❤️tarii ati Isaan hin beektu ta’a… garuu Hojii isaanii beekuun qofti isaan beekuuf gahaadha

👇 CHALLENGE QARSHII 200 KANA NI FUDHATTAA?

Mootummaan haaromsa mindaa hojjettoota mootummaa guddisuuf kaayyeffateef qarshii dabalataa biiliyoona 290 ifatti gaafate...
20/04/2026

Mootummaan haaromsa mindaa hojjettoota mootummaa guddisuuf kaayyeffateef qarshii dabalataa biiliyoona 290 ifatti gaafatee.

Oduu Maraaf Media ( Ebla 20/2026)

Komishiniin Siivil Sarviisii ​​gaaffiin maallaqaa kun qaama tattaaffii beenyaa hojjettoota mootummaa fooyyessuuf taasifamaa jiruu ta’uu mirkaneessee, gaaffiin jalqabaa Onkoloolessa bara 2017 kan dhiyaate yoo ta’u, bara 2018 irra deebi’ee mirkanaa’uu isaa ibseera.

Komishinarriin Komishiniin Siivil Sarviisii Dr. Makuriyaa Haayilee waltajjii marii Dhaabbata Bulchiinsa Gaarii Afrikaa-Gaanfa Afrikaa, filannoo waliigalaa 7ffaa dhufuuf qophaa’uuf kenniinsa tajaajila siiviil sarvisii irratti xiyyeeffate qopha'aa jiraachuu himaniiru.

Mootummaan haaromsa kanaaf bajata guddaa ramaduu isaa ibsuun, jireenya hojjettoota mootummaa haalaan ol kaasuuf kan kaayyeffate ta’uu Dr. Haayileen cimsanii dubbataniiru.

Keessattuu Paartiin Badhaadhinaa filannoo waliigalaa 7ffaa irratti injifannoo yoo mirkaneesse, jalqabbii mootummaa haala gaariin akka itti fufu abdii qabaachuu ibsaniiru.

Bara 2017tti daballii miindaa biiliyoona 90 dabalataan akka kennamuuf gaaffiin kan dhiyaate yoo ta’u, itti aansuunis baajata jiru dabaluudhaaf biliyoona 200 akka kennamuuf gaafatamaa jiraachuu komishinarichi himaniiru.

Kan hubatamuu qabu, Dr. Haayileen Dhaabbanni Siivil Sarviisii ​​erga hundeeffamee waggoota 108 ol ta’uu isaa kan ibsan yoo ta’u, yeroo walgargaarsa hojjettootaa fi kenniinsa tajaajilaa irratti jijjiiramni guddaan kan mul’ate ta’uu ibsaniiru.

Qulqullina tajaajilaa fi sirreeffama beenyaa irratti fooyya’iinsi dabalataa fooyya’iinsa taasifameen walsimsiisuun hojiirra akka oolu mirkaneessuuf akka Hojjetamuu beeksisanii jiru.

Odeeffannoowwan dabalataa kanneen biroo argachuuf
Maraaf Media ( Ebla 20/2026)

Komishiniin Siivil Sarviisii ​​gaaffiin maallaqaa kun qaama tattaaffii beenyaa hojjettoota mootummaa fooyyessuuf taasifamaa jiruu ta’uu mirkaneessee, gaaffiin jalqabaa Onkoloolessa bara 2017 kan dhiyaate yoo ta’u, bara 2018 irra deebi’ee mirkanaa’uu isaa ibseera.

Komishinarriin Komishiniin Siivil Sarviisii Dr. Makuriyaa Haayilee waltajjii marii Dhaabbata Bulchiinsa Gaarii Afrikaa-Gaanfa Afrikaa, filannoo waliigalaa 7ffaa dhufuuf qophaa’uuf kenniinsa tajaajila siiviil sarvisii irratti xiyyeeffate qopha'aa jiraachuu himaniiru.

Mootummaan haaromsa kanaaf bajata guddaa ramaduu isaa ibsuun, jireenya hojjettoota mootummaa haalaan ol kaasuuf kan kaayyeffate ta’uu Dr. Haayileen cimsanii dubbataniiru.

Keessattuu Paartiin Badhaadhinaa filannoo waliigalaa 7ffaa irratti injifannoo yoo mirkaneesse, jalqabbii mootummaa haala gaariin akka itti fufu abdii qabaachuu ibsaniiru.

Bara 2017tti daballii miindaa biiliyoona 90 dabalataan akka kennamuuf gaaffiin kan dhiyaate yoo ta’u, itti aansuunis baajata jiru dabaluudhaaf biliyoona 200 akka kennamuuf gaafatamaa jiraachuu komishinarichi himaniiru.

Kan hubatamuu qabu, Dr. Haayileen Dhaabbanni Siivil Sarviisii ​​erga hundeeffamee waggoota 108 ol ta’uu isaa kan ibsan yoo ta’u, yeroo walgargaarsa hojjettootaa fi kenniinsa tajaajilaa irratti jijjiiramni guddaan kan mul’ate ta’uu ibsaniiru.

Qulqullina tajaajilaa fi sirreeffama beenyaa irratti fooyya’iinsi dabalataa fooyya’iinsa taasifameen walsimsiisuun hojiirra akka oolu mirkaneessuuf akka Hojjetamuu beeksisanii jiru.

Odeeffannoowwan dabalataa kanneen biroo argachuuf
Maraaf Media

Iran 🇮🇷👌  Waan Ajaa'ibaati dhugaa kun 💪🥰Waraanni Iraan cabsuuf godhamaa ture Iraniif balbala rizqii haaraa banee dabre. ...
10/04/2026

Iran 🇮🇷👌 Waan Ajaa'ibaati dhugaa kun 💪🥰
Waraanni Iraan cabsuuf godhamaa ture Iraniif balbala rizqii haaraa banee dabre.

Iraan Waggoota dheeraaf hulaa Hormuz irraa faayidaa tokkollee argachaa hin turre. Amma garuu Dooniiwwan addunyaa kanneen balbala Hormuz keessa dabran hundi Iraaniif qaraxa kafalanii akka dabran murtaawe.
Kafaltiin kan raawwatamu ammoo Dolar Ameerkaatiin osoon tahin maallaqa Iraniin qofa akka tahuu qabu qondaalli Iran Aljazeeratti hime.

Source: Aljazeera English

odeeffannoo haaraa argachuuf page keenya follow godha. Maraaf Media

barreeffama kanas waliif godha.

Dooniiwwan isaanii dheengadda jalaaa caccaban osoo suphamaa jiranii dooniiwwan haaraa garas boobbaasuuf akeekkachiisu Ti...
10/04/2026

Dooniiwwan isaanii dheengadda jalaaa caccaban osoo suphamaa jiranii dooniiwwan haaraa garas boobbaasuuf akeekkachiisu Tiraamp
*********
Doonaald TiraampMadda suuraa,Getty Images
Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp tarii mariin Islaamaabaad yoo milkaahuu baateef jedhanii dooniiwwan isaaniitti meeshaalee waraanaa ''qabna jedhe'' fe'aa jiraachuu dubbate.

Jimaata har'aa yaada bilbilaan New York Post jedhamuuf kenneen hiree marii kanaa sa'aatiiwwan 24 dhufan keessatti barra'' jechuu barruun kun gabaase.

''Meeshaalee waraanaa jiru jedhaman, kan yeroo isaan burkuteessine fayyadamne caalan dooniiwwanitti fe'aa jirra'' jedhe Tiraamp.

''Yoo waliigalteerra gahuu baanne, itti fayyadaman. Akka gaariitti itti fayyadaman.''

Waayee ejjennoo Iraan gaafatamee deebii kenneen ''warri Iraan kan dubbatan dhugaa ta'uufi dhiisuu baruun hin danda'amu'' jedhe.

Mariin Iraaniifi US gidduutti gaggeeffamu Sambata boruu Islaamaabaaditti gaggeeffama.

Yaada Truth Social gubbaa kaaheen ammoo ''sababni warri Iraan lubbuun jiraaniif marii gaggeessuufi'' jedhe.

Amma Iraan of harkaa kaardii ittiin dhiibbaa gootu hin qabduu jechuun ''sababni takkittiin lubbuun jiraniif marii kanaafi'' jedheera jechuun BBCnn gabaaseera.

odeeffannoo haaraa argachuuf page keenya follow godha. Maraaf Media

⭕   | Michuu isaa guddoo Amerikaan kan tunsamu waraa*nni Izraa'il akkuma yeroo kamuu waliigaltee nagaa cab*suun har'as G...
09/04/2026

⭕ | Michuu isaa guddoo Amerikaan kan tunsamu waraa*nni Izraa'il akkuma yeroo kamuu waliigaltee nagaa cab*suun har'as Ga*💔zaatti hale**ellaa ulfaataa raawwateera.

Hal**eellaa kanaan namoonni wareegaman lakkoofsi isaanii dabaleera.

Innaa lillaahi wa'innaa ilayhii raaji'uun Sodaattonni humni isaanii soba irratti ijaarame waan ta'eef afaan haqaa cal'is...
08/04/2026

Innaa lillaahi wa'innaa ilayhii raaji'uun

Sodaattonni humni isaanii soba irratti ijaarame waan ta'eef afaan haqaa cal'isiisuuf of booda hin jedhanu.

Gaazexeessaan Al Jazeera Mohammed Washah, haleellaa Izraa*iliin Ga*💔zaatti waree*gameera.

Izraa'il michuu isii Amerikaa waliin waliigaltee dhu*kaasa dhaabuu maqaa nagaan Tiraampiin dhihaatee mallatteeffame cab*suun duguu**ggaa sanyi Ga*💔tti rawwatan itti fufaniiru.

Kooriyaan kaabaa🙆🏽‍♂️🤔🔥 misaaeloota Japanitti darbatte. Roya News akka gabaasetti Korean Kaabaa misaaeloota gurguddaan J...
08/04/2026

Kooriyaan kaabaa🙆🏽‍♂️🤔🔥 misaaeloota Japanitti darbatte. Roya News akka gabaasetti Korean Kaabaa misaaeloota gurguddaan Japan haleeluu gabaase. Taateen kun kan dhalate erga US fi Iran jiddutti waliigalteen dhukaasa dhaabuu torbaan lamaaf mallattaaween booda.

Hoggantoonni Japan, Korea Kaabaa irraa haleellaan Misaaelaa irratti raawwatamuu ibsanii haleelichaan garuu namni tokkolleen hin miidhamne jedhan. Japan michuu cimtuu US hoggaa taatu Korea Kaabaatii fi US jidduu ammoo waggaa dheeraaf muddama cimaatu jira.
Roya News English gabaase.

Address

Saud Arabia
Riyadh

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Maraaf Media posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The University

Send a message to Maraaf Media:

Shortcuts

Share