Aarif Ahimed Mohammed

Aarif Ahimed Mohammed Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Aarif Ahimed Mohammed, College & University, Minneapolis, MN.

04/09/2026

SUNANNI SALAATAA MEEQA AKKA TAHE NI BEEYTAA ?
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••

•Sunana jechuun dalagaalee salaata keessaa tan arkaanaa fii waajjbaataan alaa jechuudha. Sunana salaataa dhiisuun salaanni nama duraa hin badu. Garuu sunana kana Salaata keessatti raawwachuun akkaan jaalatamaadha.

• Sunanni salaataa hedduudha. Isaaniis Sunana jechaa fii gochaa jechuun bakka lamatti qoodaman.

• Ulamaan islaamaa sunana gochaa kudha torbaan gayan, sunana jechaa ammoo Shantami Shaniin Gayan.

Mee Nuti sunana jechaa irraa xiqqo waliin haa laalluu

1: Eega Takbiirtaa ja’anii salaata hidhatan booda du’aa’ii baniiinsa salaataa qara’uu

2: Osoo Faatihaa hin eegalin dura duaaii booda Auuzubillaahi Mina Sheeyxaani Rajiim jechuu

3: Bismillaahi ja’anii Faatihaa Eegaluu
4: Faatihaa Booda Aamiin Jechuu
5: Faatihaa booda suuraa siif laaffatte takka qara’uu
6: Imaamni Sagalee ol fudhatee qara’uu
7: Eega Rukuu’arraa Ol deebi’an booda Du’aa’ii kadhachuu

8: Rukuu’a Keessatti “Subhaana Rabbiyal Aziim” Yeroo takkaa ol jechuu

9: Sujuuda keessatti “Subhaana Ribbiyal A’alaa” yeroo takkaa ol jechuu

10: Teessuma Sujuuda Lameenii jiddutti “Rabbi Ighfirlii” yeroo tokkoo ol jechuu

11: Tashahhuda boodaa keessatti aalii Rasuulaa irratti salawaataa fii Rahmata buusuu fii Du’aa’ii San boodaa qara’uu.

Sunanni jechaa kan salaata keessaa Kana fakkaata kutaa dhufu keessatti Inshaa Allaah sunana gochaa kan Salaata keessaa waliin laalla.

Barreeffama kana dubbisaatii Share waliif Godhaa.

Rabbiin Warra sunana salaataa hunda guuttatee Salaata isaanii bareeffatu Nu Haa taasisuu. Aamiin.

Waan Dubbistaniif Galatoomaa: Jazaakumullaahu Kheeyran

By: Ibsaa Ahmed

https://www.instagram.com/ibsaashyusuf/

04/09/2026

Guyyaa 40 booda Har’a baname!
AL-AQSAA
Dukkanni hammamiyyuu yoo hammaate, bariin Al-Aqsaa hin hafu! Guyyaa 40 booda banamuun kee,Qalbii teenya si faana cufamtes nuuf bane. Ati masjiida qofa miti; ati humna chaarjii gootummaati, iimaana hin jignee fi kabaja muslimootaati. Ati Qiblaa Anbiyootaati,Amaanaa Rasuulli Keenya (Sallallaahu Aleyhi Wasallam) nu dhaalchisani,amaanaa san nyaanna moo? Gonkumaa! Nabi Muhammad gaafa samii ol bahan,dhakaa kee fi biyyee kee irraan affeerraa samitti godhameef imalan!

Yaa Qiblaa keenya ganamaa! Sin dagannu,sin gannu,sin gurgurru!

04/09/2026
11/28/2025

😁😁🥹🥹 si jibbuun naaf hin taane
Si jaalachuun siif hin taane ga maal goona 😁🥰♥️♥️⭕

Waae Jaalalaa ilaalchisee hedduu si faayyaada waan taheef Dubbisi

Jaalalli ilma namaatiif gammachuu qofa osoo hin taane qoormaata cimaafii hiraara hangana hin jedhamne jaalala keessa nama muudata kun Ulaagalee jaalalaa keessaa isa tokko ..

Addunyaa tana irratti kan wal jaalatee wal argatu namoota muraasa innii kuun osoo wal jaalatee imimmaan waliif booyu jiruudhaan addaan fagaata

Kuun immoo jaalala dhugadhaan qabamee jaalalli isaas gatii dhabee akkuma onneen isaa madoofteetti hafa ...

Addunyaa tana irratti Wanti akka jaalalaa nama miidhuu danda'u jira jedhee hin yaadu
Osoo akka yaada kiyyaatii kan wal jaalate hundi wal argata garuu hireen jaalalaa qooda rabbiiti

Akkuma nuti nama tokko jaalannutti
Kan nu jaalatus hedduudha garuu irra caalaan keenna kan jaalanne malee kan nu jaalateef bakkee hin qabnu nama jaalalaan miidhamne saniif yaadaan hiraaruu malee kan jaalala keennaan hiraaraa jiruuf even carraa yaada isaa ibsachuunii danda'u hin laannuuf yaada saa dhageennus deebii gahaa hin laannuuf tuffannee bira tarra haasofni nama saniis qoosa nutti fakkaata .........maaliif garuu???

Jaalalli immoo cubbuudha akkuma ati nama siif miidhame san irratti qoosaa turte hunda dabareen kee ta'ee gaafa sirrattis qoosantu dhufa 😢😢
Yeroo san waan jaalalti nama gootu siif gala namoota duraan jaalalaan miidhaa turte hundaaf gaafa sirras gahee agarte hubattaaf maa'anaan jaalalaa guyyaa san siif gala

Nuti namoota yoo jedhamnu yeroo bayyee dantaa keennaf malee dantaa namaatif jennee daqiiqaa takkaaf hin dhiphannu mee kan jaalanne qofaaf osoo hin taane kan nu jaalatuufis carraa of tahee jiraachuunii danda'u haa laannuuf kan nama sanii ta'uu dandeenna taanaan jaalalaaf kabajaan nama san simachuu

Kan nama sanii ta'uu hin dandeennu taanaan akka sirraa abdii kutatee of tahee jiraatuuf yaada kee ifaaf bilisaan an kee ta'uu hin danda'u jettee kabajaaf jaalalaan ofirraa

11/28/2025

Bakka Deemtu Hundaatti
Gaarii Namaaf Yaadi Ja'an
Rassuuli Rabbii ﷲ۩ﷴﷺ

03/06/2025

Tokkummaa rabbii mirkaneysuun jannata nama geessa" jedhe

03/01/2025

۞- Yaa Rabbi Kheeyrii dalaguu irratti nugaragaari.»ღ

1. Salaatoota fardii yeroo isii keessatti salaatuu
2. Sunnaalee salaata jala deemtu irratti eeggachuu
3. Salaata taraawiihaa
4. Qur'aana qara'uu heddummeeysuu
5. Zikriilee heddummeeysuu
6. Zikriilee ganamaa,galgalaa fii hirriiba duraa irratti eeggachuu
7. Du'aa'ii heddummeeysuu
8. Istighfaara heddummeeysuu
9. Tola namootatti ooluu fii firoota maxxanfachuu
10. Kennuu fii arjoomuu
11. Nyaata nyaachisuu
12. Mu'azzina hordofuu,isa booda du'aa'ii eeggachuu.
13. Halkan hunda yeroo du'aa'iin keessa qeebalamtu eeggachuu
14. Saalata eega xumurre booda bakkuma saalatan taa'uu dheereeysuu
15. Salaata tokko eega salaatan booda taa'anii salaat itti aanu eeggachuu

YAA RABBI Milkii Ramadaani Qabatee dhufeen hunda warra irraa milkaahee Adunyaa fi Aakhiraas jannataan qananiifamu nu taasisisi🤲.

02/28/2025
02/13/2025

Namni maqaan khiyya biratti dhawamee salawaata narratti hin buusin kasaare" Rasuul ﷺ

01/25/2025

Jechii gaariin sadaqaadha
Jedhaan rasuulli (S.A.W)

01/05/2025

سُبْحَانَ اللَّهِ وَبِحَمْدِهِ .

Subhanallahi wabihamdih.

Address

Minneapolis, MN

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Aarif Ahimed Mohammed posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share